Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa namoota ajjeechaa Artiist Haacaahuu Hundeessaan himataman 4f mootummaan abuukaatoo akka dhaabu ajaje

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC ) – Manni murtichaa namoota ajjeechaa Artiist Haacaahuu Hundeessaan himataman 4f mootummaan abuukaatoo akka dhaabu ajaje.
 
Shakkamtoonni kunneen har’a haaluma yakkaa heera mootummaa fi shororkeessummaan himatamaniin Mana Murtii olaanaa Federaalaa dhaddacha rammaddii 1ffaa Liddataatti dhiyaachuun himanni dubbifameefira.
 
Shakkamtoonni kunneenis 1ffaan Xilahuun Yaamii, 2ffaan Kabbadaa Gammachuu, 3ffaan Abdii Alamaayyoo fi 4ffaan Laamroot Kaamaal faa’i.
 
Shakkamtoonni tarree1ffaa hanga 3ffaa jiran abuukaatoo dhaabbachuuf humna kan hin qabne ta’uu dubbataniiru.
 
Laamroot Kaamaal garuu abuukaatoo dhaabbachuuf humna qabaattus nama abuukaatoo naaf ta’u dhabeera jechuun mana murtichaaf ibsiteerti.
 
Bu’uruma kanaan manni murtichaa mootummaan qaamoolee kanneeniif abuukaatoo akka dhaabu ajajeera.
 
Himatamtoonni kunneen yakka ittiin himatanirratti ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan beellamni jijjiirraa Onkololeessa 4, 2013tti laatameera.
 
Namoonni kunneen seeraa yakkaa FDRI bara 1996 ba’e Keewwata 32 keewwata xiqqaa A fi B, akkasumas labsii yakkaa Shororkeessummaa ittisuu fi too’achuuf ba’e lakkoofsa 1176/2012 keewwaata 3 muraa 2 jalatti tumame darbuun himatamuun isaanii ni yaadatama.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.