Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa namoota yakka Shororkeessummaan shakkaman 38 irratti poolisiin qorannoo dabalataa akka gaggeessuu guyyoota 14 eeyyame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC) – Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddachi Lidaataa Ramaddii 1ffaa namoota yakka Shororkeessummaan shakkaman 38 irratti Poolisiin qorannoo dabalataa akka gaggeessuu guyyoota 14 eeyyameera.

Poolisiin barreeffama ka’umsa yakka Shororkeessummaa namoonni kunneen ittiin shakkaman dhiyeesseera.

Dabalataan shakkamtoonni kunneen yakka ajjeechaa Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa kan turan Obbo Girmaa Yeshiixilaa keessaa harka qabachuu isaanii dhaddachichaaf ibsa taasiiseera.

Abukaatoonni shakkamtoota kanneenis dhimmoota dhiyaatanirratti yaada qaban dhiyeessuun falmaniiru.

Manni murtichaas falmii gamlameenii erga dhaggeeffatee booda qorannoon dabalataa barbaachisaa ta’uu murteesseera.

Haaluma kanaan Poolisiin qorannoo dabalataa akka gaggeessu guyyoota 14 eeyyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.