Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa fi Seeraa Caffee Oromiyaaf dhiyeessee jira

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa fi Seeraa Caffee Oromiyaaf dhiyeessee jira.

Haaluma kanaan hojiiwwan qophii karooraa, kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa, bilisummaa fi itti gaafatamummaa akkasumas dandeettii raawwachiisummaa cimsuun raawwataman dhiyaatanii mariin irratti gaggeeffameera.

Marii gagggeeffame keessatti gaaffileen iftoomina barbaadan miseensota korichaa irraa kan kan ka’an yoo ta’u Preezdaantiin Mana Murtii Waligalaa Oromiyaa obbo Gazaalii Abbaasimal fi Itti Aanaan Preezdaantiin Mana Murtii Waligalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo deebii fi yaada kennaniiru; dhimmoota qindoominaan irratti hojjatamuu qabanis kaasaniiru.

Dhuma irrattis Walitti Qabaan Korichaa obbo Iisaa Boruu ciminootaa fi Jijjiiramaa Manneen Murtii Oromiyaa keessa jiran erga kaasanii dhimmoota gara fuulduraatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti kallattii kennaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.