Fana: At a Speed of Life!

Maqaleetti giddugallii hundaa’uun deeggarsi aanooleef dhiheenyaan akka qaqqabuu taasifamaa jira

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraay Magaalaa Maqaleetti giddugallii hundaa’uun deeggarsi aanooleef dhiheenyaan akka qaqqabuu taasifamaa jiraachuu ibsame.

Dhaabbanni qorannoo fi qo’annoo imaammataa idil addunyaa Ingiliiz  Chaataam Haawuus jedhamu tumsan Imbaasii Ityoophiyaa Landanitti argamuu waliin  marii viidiyoo konfiraansii gaggeessaniiru.

Marichaarratti hojii gaggeesssitoonni dhaabbilee deeggarsa idil addunyaa, dhaabbilee mirga namoomaa idil addunyaa, hoggantoonni mootummaa Biraataaniyaa dhaabbata xiyyeeffaannoo misoomaa Afriikaa, dhaabbilee miidiyaa idil addunyaa fi kanneen biroon 500 ol argamaniiru.

koomiishinarri Koomiishini Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan, naannoo Tigraayitti duulli olaantummaa seeraa kabachiisuun xumuramuu hordofee marsaa jalqabaatin lammiilee miiliyoona 4.5f deeggarsi taasifamuu ibsun, marsaa 2ffaan ammoo lammiilee miiliyoona 2,7 deeggarsi taasifamuu itti fufuu himaniiru.

Mootummaan deeggarsa namoomaaf baasii Birrii biiliyoona 3.7 baasuu himaniiru.

Deeggarsa taasifamee keessayiis %70 mootummaan %30 ammoo dhaabbilee idil addunyaa uwwifamaa jira jedhaniiru.

Yeroo amma kanas magaalaa Maqaleetti giddugalli hundaa’ee deeggarsi kamiyyuu aanooleef akka kan qaqqabuu ta’uu kan himan komishinaar Mitikkuun, Ministeera Fayyaatin meeshaalee yaalaa deeggarsaan laatamaan, qorichootaa fi ambulaansoonni biiroo eegumsaa fayyaa naannoo waliin tumsaan aanooletti giddugaloonni yaala fayyaa socho’aan hundaa’ee deeggarsi barbaachisaan  taasifaamaa jiraachuu himaniiru.

Ministeerri Barnootaa daa’immaniif haguugduu afaanii funyaanii miiliyoonni 1 ol akkasuumaas meeshaalee qulqulliina dhiyeesuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.