Fana: At a Speed of Life!

Marii fi muuxannoo wal jijjiirraan tamsa’ina COVID-19 ittisuurratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2012 (FBC) – Marii fi muuxannoo wal jijjiirraan tamsa’ina COVID-19 ittisuurratti xiyyeeffate yeroo 8ffaaf viidiyoo koonfiraansin gaggeeffamu Ministeerri Geejjiba beeksise.

Mariicharratti Swiidiinitti ambaasaaddara Ityoophiyaa obbo Dirribaa Kumaa fi Neezarlaanditti ambaasaaddarri Ityoophiyaa obbo Miiliyoon dabalatee hayyoonni, hoggantoonni olaanoo fi ogeessoonni Noorweey, Jeeneevaa, Laandaan, Niyoorkii fi biyyaa keessa rratti hirmaataniiru.

Marichaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf muuxannoon biyyoota garaagaraa kan dhiyaatee yoo ta’u, dhiibbaa diinagdeerra ga’u hir’isuurra darbee hojiiwwan hojjetamuu qaban irratti mari’ataniiru.

Kanarra darbees hawaasa biyyaatti deeggaruu fi bifaa qinda’aan ta’een dash boord qopheessun hojiin bu’aa qabeessii ta’e hojjetamuu ibsameera.

Hawaasnis mana tururraa eegalee geejjiba biskileetti fayyadamuu fi imalaa lafoo taasisun hojiin bu’aa qabu hojjetamuus kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogas, jalqabaraa eegalee hanga yoonaatti muuxannoo waljijjiirraa taasifamee damee geejjibaan tamsa’ina vaayrasichaa to’achuuf yaalii taasifamaa jiruun barumsii hedduun kan irraa fudhatamee fi muuxannoowwan hedduun Ityoophiyaa keessatti hojirraa oola jiraachuu ibsaniiru.

Waliigala hojiiwwan hojjetama irratti mariin gaggeefamuu kan itti fufuu yoo ta’u, hojiiwwan hojjetamaniis teeknooloojiin deeggaruurra eegalee caarrawwan jiranitti fayyadamuun akka hojjetaman dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.