Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa rakkoolee keenya %80 ni fura-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015(FBC)- Mariin Biyyaalessaa rakkoolee baroota dheeraa Ityoophiyaa keessatti sukkumaamaa jiran %80 akka furu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsan.

Mummeen Ministiraa Abiy Ahimad miseensota paarlaamaarraa gaaffilee dhiyaatanirratti ibsaa fi deebii bal’aa kan kennan yoo ta’u, adeemsa marii biyyaalessaa ilaalchisee “Sanyii filatamaan waan jiraateef qofa lafti hinbiqilchu taanaan faca’us hinbiqilu” jedhaniiru.

Qindeessitoonni marichaa tattaffii taasisaa jiran diqisiifachuun marichaaf lammiileen hunduu deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qaban eeraniiru.

Marichi rakkoolee biyyattii %80 akka furu abdii qaban ibsuun mootummaan deeggarsa guutuu kan taasisuu fi akka milkaa’uus barbaada jedhan.

Gama dippilomaasiin ibsa kennaniin qajeelfamni dippilomaasii Ityoophiyaa walabummaa, walqixxummaa fi haqa qabeessummaadha jedhaniiru.

Hangaa ammaatti hojiilee dippilomaasii biyyootaa olaarratti hojjetameen bu’aalee hedduu Ityoophiyaan akka argatte kaasuun, keessumaa biyyoonni addunyaa hedduun walitti bu’iinsa ture karaa nagaan furuudhaaf dhidhiibaa taasisuu fi furmaata isaaf Ityoophiyaa akka tumsan himaniiru.

Biyyoota waliigaltee nageenyaa kana keessatti tumsa taasisan hundas galateeffataniiru.

Caalmaan bu’aalee gama dippilomaasiin fiduuf riifoormiiwwan bal’aan gaggeeffamaa akka jiru kaasanii lammiileen Ityoophiyaa hunduu damee bobba’e hundaatti dippilomaatii biyyasaa ta’ee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.