Fana: At a Speed of Life!

Mariin fooyya’iinsa qulqullina barnootaarratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC)- Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas hanqina qulqullina barnootaan jiru irratti qorannoo taasiserratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Maricharratti, Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, Koree Gamtaa Maatii fi Barattootaa Obbo Kadiir Ismoo argamaniiru.

Akka Oromiyaatti qorannoo qulqullina barnootaa irratti gaggeeffameen hanqinni kitaabaa, sababa hanqinaatiin barsiisaan muummee barnootaa ittiin leenji’een barsiisuu dhabuu, hanqinni daree barnootaa hanqinaalee ka’aan ta’uun ibsameera.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon, sirna barnootaa fi qulqullina barnootaa mirkanessuu fi hanqinaalee jiran furuuf hojjechaa jiraachuu kaasuuniiru.

Kana milkeessuuf hordoffii fi adeemsa baruu fi barsiisuurratti fooyyessuu, barsiisaa ga’uumsaa fi kaka’umsa qabu horachuu, mala barsiisuu ammayyeessuu, qabxii barataarratti hordoffii taasisuun, hanqinaalee qulqullina barnootaa keessatti mudatan furuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Kanaafis qulqullina barnootaa naannichaa mirkaneessuuf hunduu tumsa taasisuu akka qaban akeekaniiru.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.