Fana: At a Speed of Life!

Mariin haala Abbootiin qabeenyaa Ityoophiyaa fi Ingiliz waliin hojjechuu danda’an irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Mariin haala Abbootiin qabeenyaa Ityoophiyaa fi Ingiliz waliin hojjechuu danda’an irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.

Marichi Imbaasii Ingliziin kan qophaa’e yoo ta’u, hawaasa daldalaa walitti fiduu fi haala waliin hojjechuun danda’amu uumuurratti kaayyeffachuu ibsameera.

Hariiroo biyyoota lameen gidduu jiru bu’uureffachuun hariiroon akka kanaa cimsuun barbaachisaa ta’uu Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaatti Ambaasaaddarri Ingiliz Alaastar Makfeel ibsaniiru.

Sochii invastimantii Ityoophiyaa guddachaa jiru deeggaruufi waliin hojjechuuf mootummaa fi dhaabbileen Ingiliz qophii ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbilee biyya keessaa jajjabeessuuf kutannoo qabaachuus himaniiru.

Maricharratti dhaabbileen daldalaa waggoota hedduuf daldala irratti bobba’anii turan hirmaataniiru.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.