Fana: At a Speed of Life!

Mariin haqa qabeessummaa fi fayyadamumaa waloo hidha Haaromsarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Waltajjiin marii haqa qabeessummaa fi fayyadamumaa waloo Hidha Haaromsaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
 
Waltajjii marii kanarratti hawaasa beekkumsaarratti hundaa’uun Ijaarsa Hidha Haaromsaaf falmatu horachuun barbaachisu ta’uu ibsameera.
 
Kaayyoon marichaas hawaasa beekkumsaarratti hundaa’uun Ijaarsa Hidha Haaromsaaf falmatu horachiifi jedhame.
 
Waltajicha Dhaabbanni Siiviilii Hawaasaa ‘Jestis Foor Hiiyuumaaniitii’ (JFH) jedhamu, Dhaabbata Siiviilii Hawaasa FDRI, Waajjira Mana Maree Qindeessaa hirmaannaa ummataa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa, Liifti Ityoophiyaa fi Waldaa Diyaaspooraa Ityoophiyaatu waliin qopheesse.
 
Waltajjii waloo Hooteela Sharataan Addisitti gaggeeffamaa jiru kanaan hidhicha ilaalchisee sosochii idila addunyaa uumuun ni barbaachisa jedhame.
 
Marichis mata duree ‘haqa qabessummaa fi fayyadamummaa waloo’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
 
Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa ta’an hundi hidhicharratti beekkumsa saayinsaawaa fi hubannoo ga’aa qabaachuun sagalee tokkoo akka dhageessisa ni barbaachisa jedhameera.
Hidhichaaf yeroo kamiiyyuu caalaa sagalee tokkoo fi sosochii walfakkaatu taasisuun akka barbaachisu dubbatamuu isaa ragaan Dhaabbata Siiviilii Hawaasaa ‘Jestis Foor Hiiyuumaaniitii’ jedhamurraa argame ni agarsiisa.
 
Waltajicharratti hirmaattoonni Dhaabbata Siiviilii Hawaasaa Jestis Foor Hiiyuumaaniitii (JFH), Dhaabbata Hawaasa Siiviilii FDRI, Waajjira Mana Maree Qindeessaa hirmaannaa ummataa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa, Liifti Ityoophiyaa fi Waldaa Diyaaspooraa Ityoophiyaa, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa, dureewwan amantaalee, keessummoonni waamichi taasiifamee fi qorattoonni 100 ol ta’an argamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.