Fana: At a Speed of Life!

Mariin hariiroo ummattoota Oromoofi Amaaraa cimsuurratti xiyyeeffate ibsa waloo abbaa qabxii afurii baasuun xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Mariin hariiroo ummattoota Oromoofi Amaaraa cimsuurratti xiyyeeffate ibsa waloo abbaa qabxii afurii baasuun xumurame.

Mariin hariiroo ummata Oromoo fi Amaaraa cimsuufi rakkoolee mudatan mariidhaan furuu irratti xiyyeeffateefi kaleessaafi har’a Adaamaatti geggeeffamaa ture ibsa ejjennoo abbaa qabxii afurii baasuun xumurame.

Ijaarsa sirna dimokiraasii lafa qabsiisuu, marii waliinii itti fufsiisuu, lammiilee hunda adeemsa jijjiiramaa keessatti hirmaachisuufi walitti bu’iinsaafi jibba mariidhaan furuun qabxiilee guguddoo ibsa waloo keessatti ibsamaniidha

Mariin walfakkaatu inni ittaanu magaalaa Baahir Daaritti kan adeemsifamu ta’a.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.