Fana: At a Speed of Life!

Mariin Hidha Haaromsaarratti Kaartuumitti gaggeeffamaa ture milkiin xumuramuu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii beeksise

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Mariin marsaa 3ffaa Hidha Haaromsaarratti Kaartuumitti gaggeeffamaa ture milkiin xumuramuu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii beeksise.
 
Mariin marsaa 3ffaa ministiroota bishaanii Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan Kaartuumitti gaggeeffamaa tureera.
 
Ministirri ministeerichaa Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsa laataniin akka beeksisanitti dhimmoota hedduurratti waliigalamuusaa beeksisaniiru.
 
Gibts kanaan dura yaada “Bishaan meetir kiyuubiin biiliyoonni 40 yaa gadhiifamu, bishaan Aswaam meetira 165tti gadi hin bu’in.” jechuun dhiyeessaa turte guutummaan jijjiirtetti jedhan.
 
Yaa’i bishaanii Abbayyaa uumamasaa eeggatee deemun mirga lagichaan fayyadamuu biyyoota yaa’a olaanu keessa jiranii sarbaanis Ityoophiyaan yaada dhiyeessaa turteetti.
 
Yaadrimee fi hiikkaa gogiinsaarratti mormii turerratti; Ityoophiyaan bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 35 gadi yoo bu’e gogiinsa jedhama yaada jedhu dhiyeessiteetti.
 
Gibts gama isheetin meetir kiyuubii biiliyoona 40 gadi yaada jedhu dhiyeessiteetti.
 
Yaada kanarratti osoo walii hin galamin hafeeras jedhan Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan.
 
Sanaan ala yeroo gogiinsaa bishaan ammamii gadi yaa lakkifamu, ol ka’iinsa hidhichaarraa ammam gadi siqee gadi yaa lakkifamu kan jedhurrattis walii hin galamne.
 
Baatii Faranjootaa Amajjii 8 fi 9,2020 walga’ii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamurratti waliigalteerra ni ga’amaan eegama; ta’uu baannan garuu keeyyanni 10 hojiirra oola jedhan ministirichi.
 
Ministirri bishaanii Gibtsis waliigalamuu yoo baate; keeyyata 10 irratti murtee fudhannurratti mootummaa waliin mari’annee ni murteessina jedhaniiru.
 
Baahiruu Yidnaqaachawtu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.