Fana: At a Speed of Life!

Mariin hirmaannaa dubartoonni  Indaastirii damee Ijaarsaa keessatti qabanirratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 27, 2013 (FBC) – Mariin biyyaalessaa hirmaannaa dubartoonni  Indaastirii damee Ijaarsaa keessatti qabanirratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
‘Ni dandeessa -Eenyummaa qormaatan qarameen namuusa jijjiirramaaf majitaa ta’e ni ijaarra’ mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee, Preezdaantiin Mana Murtii waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashaannaafii, itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Aadaanach Abeebee, Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammadii fi hoggantoonni mootummaa olaanaanii fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Waltajjii marichaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii, Abbaa Taayitaa hojiilee Ijaarsaa fi Korporeeshinii hojii Ijaarsawwanii Ityoophiyaatu waliin ta’uun qopheesse jedhame.
Dandeettii raawwachiisummaa dubartootaa guddisuun misooma biyyaaf shoora olaanaa qabaachuu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Aadaanach Abeebee ibsaniiru.
Yeroo ammaa proojektoota gurgurddoo magaalicha keessatti gaggeeffamaa jiru hogganuu fi raawwachiisuun ga’een dubartootaa olaanaa ta’uu eeraniiru.
Waltajjiicharratti ga’ee fi fakkeenyumaa hirmaannaa dubartoonni damee indaastirii ijaarsaa keessatti qabanirratti qorannoon ka’umsaa dhiyaachuun mari’atamaa jiraachuu ragaan Waajjira seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.