Fana: At a Speed of Life!

Mariin Paanaalii “Qonna Diijitaalaa” Goda Ambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 19 ,2015 (FBC)- Hojii Qonna Diijitaalaan oomishaafi oomishtummaa qonnaan bultootaafi horsiise bultoota guddisuuf hojii hojjetamaa jiruun bu’aa qabatamaan argamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Mariin Paanaalii “Qonna Diijitaalaa” Goda Ambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u maricharratti hoggantoota olaanoo mootummaa federaalaafi naannolee dabalatee deeggartoonni misoomaafi qooda fudhattoonni argamaniiru.

Hanqinaaleen ragaalee, maallaqaa, galtee akkasumas waliingahiinsi tajaajila makaanaayizeeshinii oomishaafi oomishtummaa qonnaan bultootaafi horsiise bultootaarratti qormaata ta’uu Dooktar Girmaan addeessaniiru.

Hundarra jijjiiramni qabeenya qilleensaa oomishaafi oomishtummaarratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Rakkoolee kanneen furuufi oomishaafi oomishtummaa qonnaan bultootaafi horsiise bultootaa guddisuuf mootummaan xiyyeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Qonnni diijitaalaa odeeffannoowwan waliingahuun qonnaan bultoota gahoomsuurratti kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.