Fana: At a Speed of Life!

Mariin Siyyaasa Ityoo- Tarkii 6ffaan gaggeeffame

Finfinnee,Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii siyyaasaa  Ityoo –Tarkii 6ffaan har’aa viidiyoo konfaransiin gaggeeffame.
 
Ministir deettaan Ministira Dhimma Alaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Reediwaan Huseenii fi Ministir deettaan Ministira Dhimma Alaa Tarkii Seedaat Oonaal maricha online dursaniiru.
 
Ambaasaaddar Reediwaan Huseenii hariiroon Ityoophiyaa fi Tarkii hariiroo bara dheeraa lakkoofsise ta’uu ibsuun, abbootiin qabeenyaa biyyatii misooma Ityoophiyaarratti hirmaachuun warreen hangafaati jedhan.
 
Ityoophiyaa fi Tarkiin hariiroo Invastimantii waliin qaban dabalataan, barnoota, nageenyaa fi shororkeessummaa ittisuurratti walitti dhiyeenyaa hojjechuu qabu jedhan.
 
Ministir deettaan Ministira Dhimma Alaa Tarkii Seedaat Oonaal gama isaaniin,Tarkii hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf xiyyeeffannoo addaa laatti jedhan.
 
Hariiroo kana caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
 
Mariin siyyaasaa akka kana yeroo yeroon itti fufuu akka qabu eeraniiru.
 
Abbootii qabeenyaa biyyattii Ityoophiyaatti hojii Invastimantirratti bobba’anii argamaniif deeggarsa barbaachisu taasisuuf mootummaan isaanii ejjennoo cimaa qaba jedhan.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qindoominaan hojjechuuf walii galuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.