Fana: At a Speed of Life!

Masqalli biyya keenya maqaa gaariin waamsisuu, aadaa keenyaa beeksisuu fi tokkummaa keenyaa cimsuun duudhaa hedduu kan qabuudha-Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC)- Masqalli ayyaana amantaa bira darbee biyya keenya maqaa gaariin waamsisuu, aadaa keenyaa beeksisuu fi tokkummaa keenya cimsuun duudhaa hedduu kan qabuudha jechuun Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Silashii Baqqalaa ibsan.

Ameerikaa Waashingitan DC fi naannawaa ishee Ityoophiyaanonni argaman sirna Daamaraa Masqalaa kabajaniiru.

Sirnicharratti Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa dabalatee phaaphaasota fi hordoftoonni amantichaa hirmaataniiru.

Phaaphaasiin Mana Amantaa Dabiremihiret Qiddus Mika’eel Abuna Faanu’eel ergaa dabarsanii ayyaanni Masqalaa mallattoo tokkummaa fi ifaa ta’uu ibsanii hawaasni kiristiyaanaas waliif yaaduu fi biyyaaf dhaabbachuu qabu jedhaniiru.

Yeroo ammaa qormaataa biyyaattii mudatee nageenyaa fi tasgabbii ittiin beekamtu duriitti akka deebitu waliin jireenya cimsuun akkasumas lammiilee sababa garaagaraan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi taasifamu akka qabu dhaamaniiru.

Ambaasaaddar Silashiin gama isaaniin “Masqalli ayyaana amantaa bira darbee biyya keenya maqaa gaariin waamsisuu, aadaa keenya beeksisuu fi tokkummaa keenya cimsuun duudhaa hedduu kan qabu, Ityoophiyaanonni waloon kan kabajan fakkeenya tokkummaa fi waliif yaaduun addunyaarratti kan ittiin mul’annudha” jechuun ibsaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa biyya keessaa fi alaa miiraa tokkoon birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf tattaaffii gama hundaan taasifamuuf gahee gama isaa akka bahatan gaafataniiru.

Biyyattiin yeroo ammaa kan barbaaddu tokkummaa, walkabajaan, waliin jiraachuu, kanneen deeggarsa barbaachisuun deeggaruu fi kanneen miidhaman jajjabeesuuf manni amantichaa hojiilee eegalee cimsee akka itti fufu Ambaasaaddar Silashiin waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.