Fana: At a Speed of Life!

Meejer Jeneraal Kafyaalaw Amdee Tasammaa Sudaan Abiyyeetti hogganaa humna waraana nagaa kabachiisaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ta’uun muudaman

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) – Meejer Jeneraal Kafyaalaw Amdee Tasammaa Sudaan Abiyyeetti hogganaa humna waraana nagaa kabachiisaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ta’uun muudaman.

 

Barreessa Olaanaan Dhaabbata Mootummmoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez Meejer Jeneraal Kafyaalaw Amdee Tasammaan Sudaan Abiyyeetti kan bobba’e hogganaa humna waraana nagaa kabachiisaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii godhuun muudeera.

 

Meejer Jeneraal Kafyaalaw Amdee Tasammaa yeroo hojii isaanii Baatii Adoolessaa kan xumuran Meejer Jeneraal Mahaarii Zawdeen bakka bu’anii ni hojjetu jedhameera.

 

Barreessa Olaanaan Dhaabbata Mootummmoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez Meejer Jeneraal Mahaarii Zawdee tajaajila isaan dhaabbata mootummoota gamtoomanitti keessatti dabarsanitti galateeffataniiru.

 

Meejer Jeneraal Kafyaalaw waraana Ityoophiyaa keessatti waggaa 30 ol muuxannoo loltummaa garagaraa akka qaban ibsameera.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.