Fana: At a Speed of Life!

Meeshaalee konteenaraan saamsuun sharafa alaa Doolaara miiliyoona 1.9 hambisuun eerame

Finfinnee, Guraandhala 6, 2015 (FBC)- Meeshaalee daldala alaa biyya keessatti konteenaraan saamsuun baasii sharafa alaa Doolaara miiliyoona 1.9 ol baraaruun akka danda’ame ibsame.

Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa gabaasaa raawwii dame geejjibaa fi loojistiksii baaseen, Ityoophiyaan bu’a qabeessummaa diinagdeerratti bu’uureffachuun yeroo ammaa Ityoophiyaan buufataalee Doonii Jibuutii, Taajuuraa, Barbaraa fi Mooyaalee/Mombaasaa fayyadamaa jiraachuu eereera.

Baatiiwwan ja’an darbanittis tajaajila fe’iinsaa buufanni Jibuutii %94.35, Taajuuraan %1.56, Barbaraan %3.33 fi Mooyaaleen/Mombaasaan 0.76 keessummeessuu eerameera.

Biyya keessatti tattaaffii damee loojistiksiin taasifameen baasii Birrii Miiliyoona 518 fi kuma 857 fi 513 baraaruun akka danda’ame eerameera.

Kana malees, baatiiwwan ja’an darbanitti meeshalee daldala alaa %65.4 biyya keessatti Konteenaraan saamsuun erguun baasii Doolaara miiliyoona 1 fi kuma 978 fi 875 hambisuun akka danda’ame ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.