Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 275’tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)-Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 275’tti tilmaamamu to’atamuu Koomishiniin Gumrukaa beeksise.

Koomishinichi hordoffii Waxabajjii 9, 2015 eegaale taasiseen meeshaalee galii Birrii miiliyoona 199 fi meeshaalee alergii Birrii miiliyoona 75 waliigalaan, meeshaalee Birrii miiliyoona 275’tti tilmamaaman bufaatalee gumurukaa garagarattii to’atamuun ibsameera.

Meeshaaleen to’atamaniis uffataalee, boba’aa, beeyladoota, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichaalee, konkolaattota, meeshaalee faayaa, jimaa, balaa sammuu nama hadoochuu, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun eerameera.

Meeshaalee kontirobaandii daddabarsuun kanneen shakkaman namoonni 16 fi konkolaattonni 12 to’annoo jala oolfamuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.