Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 58fi Doolaarri Ameerikaa kumni 12 to’atame

Mudde 24, 2015(FBC)-  Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 58’tti tilmaamamuufi Doolaarri Ameerikaa kumni 12 to’atamuu ibsame.

Waajjirri Gumruukaa Damee Jigjigaa Mudde 21-23, 2015 hordoffii taasiseen Doolaara kuma 12fi Jimaa jiidhaa dabalatee meshaalee kontiroobaandii garaagaraa Birrii miiliyoona 25’tti tilmaamaman to’achuu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun Waajjirri Gumruukaa Damee Dirree Dawaa jimaa jiidhaa, Boloqqee Adiifi meeshaalee kontiroobaandii Birrii miiliyoona 32’tti shallagamu to’achuu ragaan Komishinii Gumruukaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.