Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii fi waraanaa Birrii miiliyoona 25 ol baasu too’atame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2012 (FBC) –Meeshaaleen kontiroobaandii fi waraanaa Birrii miiliyoona 25 ol baasu too’atame.
 
Guyyoota arfaan darbanitti meeshaaleen kontiroobaandii fi waraanaa Birrii miiliyoona 25 olitti tilmaamamu too’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
 
Meeshaalee too’taman kunneen buufataalee sakattoo Awaash, Dirree Dawaa, Jigjigaa, Moyyaalee, Adaamaa, Bahiir Daar, Jimmaa, Mojoo fi Daandii Qilleensa Boolee fa’i.
 
Jijjiirraa konkolaataa, konkolaataa maqaa turiistiin gale, uffata garagaraa, elektirooniksii, nyaataa yeroon irra darbe, meeshaalee waraanaa garagaraa fi shishaan akka too’atame ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.