Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen koontiroobaandii Birrii miiliyoona 310 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) – Meeshaaleen koontiroobaandii Birrii miiliyoona 310 olitti tilmaamamu to’atamuu Koomishiniin Gumrukaa beeksise.

Bitootessa 13-19,2016tti hordoffii taasiseen, meeshaalee kontiroobaandii karaa seeran alaa gara biyya keessaa galuuf ture miiliyoona 189.5 baasuu fi meeshaaleen gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 121.3 baasu himeera.

Meeshaaleen to’atamaanis, uffataalee, Boba’aa, Beeylaadoonni, meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichaaleen, meeshaaleen qaama jijjiiraa konkolattoota, meeshaaleen faayaa, waraanaa, Jimaa,Zayinni Nyaataa fi Maallaqoonni biyyoota garaagaraa to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.