Fana: At a Speed of Life!

Michummaa Ityoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsinee itti fufsiisna-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC)- Hariiroon Ityoophiyaa fi Xaaliyaanii baroota kan lakkoofsisee fi bu’aa qabeessa ta’uu Muummeen Minitiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad fi gareen jilaa Ministirootaa daawwannaa hojiif Xaaliyaanii Roomiin jiru.

Daawwannichaanis Pireezidaantii Xaaliyaanii Seerjiyoo Maataareellaa waliin mari’ataniiru.

Simannaa Pireezidaantichi taasisaniif galateeffachuun hariiroon Ityoophiyaa fi Xaaliyaanii barootaaf kan turee fi bu’aa qabeessa ta’uu yaadachiisanii, michummaa jiru cimsuun akka itti fufsiisan miidiya hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimadii fi Pireezidaanti Seerjiyoo Maataareellaan, hariiroo Ityoophiyaa fi Xaaliyaanii gidduu jiru akkasumas dhimmoota biyyaalessaa, naannawaa fi idil addunyaa biroorratti mari’achuu ragaan Waajjiraa Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #AbiyAhmedAli

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.