Fana: At a Speed of Life!

Midhaan deeggarsa namoomaa hidhattoonni Garee Shororkeessaa ABUT kuusaan kuntaalli kumni 3 ol argame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015 (FBC) – Midhaan deeggarsa namoomaa hidhattoonni Garee Shororkeessaa ABUT Allaamaaxaatti Mankuusaa fi Mana Baabura Midhaan daaku keessatti kuusaan kuntaalli kumni 3 ol argame.

Magaalaa Allaamaaxaatti daakuun deeggarsa namoomaa dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa kuntaalli kumni 2 fi 500 fi Qamadii Saamsamaan kuntaalli 400, Buskunnii fi Nyaataaleen anniisaa laataan kuntaalli 100 kuusaalee garaagaraa keessatti argamuu ibsameera.

Gareen shororkeessaa kun waggaa 1 fi baatiwwan arfan darbaniif midhaan deeggarsa namoomaaf dhiyaatu kamiiyyuu ummata hanqisuun hidhattootaaf kuusaa turuu jiraattoonni ragaa ba’aniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.