Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa balaan Tiraafikaa qaqqabsisaa jiru hir’isuun hirmaannaa qaama hundaa gaafata – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC) – Miidhaa balaan Tiraafikaa qaqqabsisaa jiru hir’isuun hirmaannaa qaama hundaa kan gaafatu ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.

Nutis damee hojiirratti bobbaaneen goota ta’uun amma, lammiilee keenya balaa Tiraafikaarraa haa baraarru jechuun ergaa dabarsaniiru.

Balaa Tiraafrikaa namaa fi qabeenyarra miidhaa olaanaa qaqqabsiisaa jiru ittisuuf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Balaan Tiraafikaa diina cimaa lubbuu namaa nyaachaa jiru fi qabeenya biyyaa barbaadeessa jiru ta’uu ibsaniiru.

Ministeerichi Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa bara kanaa mata duree ‘sababa balaa tiraafikaan lubbuun namaa baduu hin qabu’ jedhuun kabajeera.

Balaan Tiraafikaa % 68 sababa hanqina ga’umsaa fi of dagannaa konkolaachisaan, % 14 ammoo sababa teeknika Konkolaattootaan kan qaqqabu ta’uu Dooktar Alamuun eeraniiru.

Balaa kana hir’isuun qooda qaama hundaa kan gaafatu ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin kaasaniiru.

Qaamni dhimmi ilaallatu hundi miira gootummaan biyyaa fi ummataaf dursa kennuun miidhaa balaan Tiraafikaa lubbuu namaa fi qabeenyarraan ga’u haa ittifnu jechuun dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.