Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen adeemsa Marii Biyyaaleessaaf hubannoo akka uuman gaafatame

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)-Marii Biyyaleessaa dhugoomsuuf miidiyaaleen hubannoo uumuuf bal’inaan akka hojjetan Koomiishiniin Marii Biyyaaleessaa gaafate.

Koomishinarri Koomiishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ar’ayaa akka ibsaniti, miidiyaaleen hundi afaanota garaagaraan adeemsa marii biyyaleessaarratti hawaasaaf hubannoo uumuu qabu jedhan.

Miidiyaalee hedduun adeemsa marii biyyaleessaarratti hubannoo uumaa jiraachuu eeruun, daran hojjechuun kan irra eegamu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo Itiyoophiyaa mudateef mariin furmaata fiduuf koomishiniin Marii biyyaaleessaa sochii taasisuuf miidiyaaleen ajaanda taasifachuu akka qaban Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetiif himaniiru.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.