Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inni adeemsa nagaa Ityoophiyaa Sudaan ni barsiisa – Ambaasaaddar Jamaal

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Sudaan milkaa’ina adeemsa nagaa Ityoophiyaa irraa barachuun waldhabdee keessoo karaa nagaan xumuruu akka qabdu Rippaablika Paakiistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Bakar Abdullaan ibsaniiru.

Jilli Sudaan Ambaasaaddaroota biyyoota miseensa IGAD Paakistaan keessatti walga’ii waamuun haala yeroo biyya isaanii ilaalchisee ibsa taasisuufi.

Waldhabdeen mariin furuun nageenya waaraa mirkaneessuuf filannoo duraa ta’uu Ambaasaaddar Jamaal ibsaniiru.

Ityoophiyaan waldhabdee kaabaa biyyattiitti mudatee tureen gatii kaffalte hubachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Sudaan rakkoo ishee ofiin akka furattu Ityoophiyaan fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Nageenyi Sudaan nageenya guutuu Afrikaaf barbaachisaa ta’uu eeruun, waldhabdee mariin furuun daraan murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaan lammiilee Sudaan keessatti rakkoorra jiran baasuu qofa osoo hin taane ummata Sudaaniif deeggarsa namoomaa taasiisaa turuu eeruu isaanii ragaan Embaasicharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.