Fana: At a Speed of Life!

Ministeera Nageenyaan kan qophaa’e waltajjin marii fi hirmaannaa hawaasaa gaggeeffama jira

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Ministeera Nageenyaan kan qophaa’e waltajjin marii fi hirmaannaa hawaasaa gaggeeffama jira.

Waltajjicha irratti haasaa kan taasisaan, Ministiri Deettaan Ministeera Nageenyaa obbo Alamaayyoo Ijjiguu jijjiirama Ityoophiyaan eegalte kunuunsuu fi sadarkaa barbaadame irra akka ga’uuf hunduu dirqama isaa bahachuu akka qabu himaniiru.

Waltajjichi guyyoota 7f kan turu yoo ta’u qorannoon garagaraa barreefamaa dhiyaachuun irratti ni marii’atama.

Olaantummaa seeraa fi kabaja lammiilee akkasumaas wantoota kanaan walfakkaatanirratti mariin ni taasifama.

Waltajjicharratti hoggantoonni naannoolee, bulchiinsa magaalaa, godinaa fi aanaa hirmaachaa jiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.