Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi naannoo Beenishaanguul Gumuuziitti manneen barnoota miidhaan irra ga’ee deebisanii dhaabuuf deeggarsa taasise

Finfinnee, Fulbaana 23, 2014 (FBC)- Ministeerri Barnootaa naannoo Beenishaanguul Gumuuziitti manneen barnoota miidhaan irra ga’ee deebisanii dhaabuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasiseera.

Ministeerichi manneen barnoota garee shororkeesaa ABUT’tiin miidhaan irra gahee deebise dhaabuufi deeggarsicha kan taasise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahun Makuriyaa, deeggarsi naannichaaf taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Preezdaantiin Naannoo Beenishasngul Gumuuz Obbo Ashadlii Hasan, deeggarsa naannichaaf taasifameef Ministeera Barnootaa galateeffaniiru.

Akka gabaasa EBCtti manneen Barnootaa barbadaa’aan hedduu ta’uu eeruun, manneen Barnootaa guutummaan guutuutti badan ijaaruufi kanneen suphaa barbaadan suphuun cimee kan itti fufu tahuus dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.