Fana: At a Speed of Life!

Ministeerii nageenyaa weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf kan oolu deeggarsa taasise

Finfinnee, Caamsaa 25, 2012 (FBC) – Ministeerii nageenyaa weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf kan oolu Naannoolee sagal, Bulchiinsa Magaalaa lamaafi bakka bu’oota Komishinii Poolisii Federaalaaf deeggarsa taasise.

Deeggarsichi bakka Ministirri Nageenyaa addee Mufaariyaat Kaamil, Komishinarri Poolisii Federaalaa obbo Indashaw Xaasaw akkasumas hooggantoota naanoolee fi komishinaroota Bulchiinsa Magaalaa argamanitti deeggarsa taasisaniiru.

Ministeerichi dhaabbilee gara garaarra kan bitee fi deeggarsaan kan argate haguuggii afaanii fi funyaanii kuma 68, golgaa Harkaa kuma 5 fi dhibba 750 saanitayzeerii liitira kuma 1fi 600 akkasumas meeshaalee ho’ina qaamaa safaru fi naannoo daangaatti bakka giddugala tursiisa addaaf kan ta’u naannoolee sadiif yuunifoormii huccuu 45 deeggarsa taasiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.