Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Aadaa fi Tuurizimii fi dhaabbileen waamamtootaa daa’immaan jireenya daandirraa kaasuuf sagantaa deeggarsaa eegalan

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Ministeerri Aadaa fi Tuuriziimii fi dhaabbileen waamamtootaa shan daa’immaan jireenya daandirraa kaasuuf kan dandeessisu sagantaa deeggarsaa eegalan.

Ministeerri Aadaa fi Tuuriizimii, Abbaan Taayitaa Eeggumsaa fi Qoo’annoo hambaalee, Komishiniin Ispoortii, Ejansiin Godaambaa fi Dubbisa Kitaabaa, Inistiityuutiin Leenjii Hooteelaa fiTuuriizimii saganticha keessatti kanneen hirmaataaniidha.

Sagantichaan daa’immaan guddattoota umrii waggaa 14 – 18 keessa jiran 60 ta’an daandirraa kaassuun jireenya isaanii akka jijjiirran ni hojjetama jedhame.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaaw sagantichaan dhaabbileen waamamtootaa daa’immaan daandirra jiraatan guddisuu fi kunuunsuuf itti gaafatamummaa fudhatu jedhan.

Fedhii daa’immaan guddattoota kanneenirratti hundaa’uun deeggarsi dandeettii, kennaa fi beekkumsa isaanii guddisuu ni hojjetama jedhan.

Guddattoonni kunneen ‘ani nan fayyada’ ilaalcha jedhu qabatanii akka guddatan ni taasiifama jedhame.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.