Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Gamtaa Aduu Idil Addunyaa Waliin Misooma anniisaa Aduurratti hojjechuuf Waliigaltee Mallatteesse

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Gamtaa Aduu Idil-addunyaa waliin misooma anniisaa aduu irratti hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Sulxaan Walii waliigaltichi hawaasni baadiyyaa humna ibsaa akka argatan kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti humna ibsaa dhaqqabamaa taasisuuf dhaabbilee idil addunyaa garagaraa waliin hojjetamaa jiraachuu eeruun, waliigalteen kun qaama hojjechaa ta’uu himaniiru.

Waliigaltichi misooma diinagdee saffisiisuu fi misooma jallisii bu’a qabeessa taasisuuf kan gargaaru ta’uus ibsameera.

Namoonni lafa gadi fagoo jiran anniisaa aduu irraa akka fayyadaman kan taasisu yoo ta’u, kunis ijaarsa dandeettii fi dabarsuu teeknooloojiif barbaachisaa ta’uun isaa agarsiifameera.

Daayrektarri Olaanaan Gamtaa Aduu Idil-addunyaa Dooktar Ajaay Maatur gama isaaniin Ityoophiyaatti damee anniisaa aduutiin proojektoota gurguddoo hojjechuuf fedhiin jiraachuu eeraniiru.

”Paampii aduu dabalatee adeemsa imaammataa deeggaruuf hojjechaa jirra,” jedhan.

Gamtaan Aduu Idil-addunyaa biyyoota 100 ol ta’an waliin ta’uun anniisaa aduu bal’inaan hojiirra oo.chuuf dhaabbata hojjechaa jiruudha jedhame.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.