Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri dhimma alaa daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti taatee ummameen balaa qaqqabeef gadda itti dhaga’aame ibseera

infinnee, Caamsaa 23, 2012 (FBC) –Ministeerri dhimma alaa daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti Kamisa darbe taatee ummameen balaa qaqqabeef gadda itti dhaga’aame ibseera.

Ministeerichi ibsa guyyaa har’a baaseen Caamsaa 20, 2012 naannoo daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti walitti bu’iinsa muudateef gadda itti dhaga’amee ibsuun, maatiwwan balichaan miidhamaniif jajjaabina hawweera.

Akkasumas Ministeerichi biyyoonni lameen rakkoo muudate furuufi waliin ta’uun waliin hojjeechu qabu jedheera.

Naannoo biyyoota ollaa fi hoggantoota naannoo qidduutti tumsii qindoomina ittifufiinsaan akka jiraatuufis waamicha dabarsaniiru.

Taatee muudatee kun hariiroo uummattoota biyyoota lamaanii akka hin xuqnees abdii qabachuu ibsichaan himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.