Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Dhimma Alaa Naannoo Harariitti tola ooltummaa Gannaa eegalchiise

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)- Ministeerri Dhimma Alaa Naannoo Harariitti hojii tola ooltummaa Gannaa jalqabsiiseera.

Ministeerichi naannichatti meeshaalee barnootaa deeggarsa taasisuu fi Haaromsaa manneen harka qalleeyyii eegalchiiseera.

Saganticharratti Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon hojiin tola ooltummaa dhalootaaf galaa kaa’uudha jedhan.

Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii gama isaaniin, tola ooltummaan gaarummaa dhala namaaf kenname ta’uun, hunduu hanga dandeettii isaa hojiilee tola ooltummaarratti hirmaachuu qaba jedhaniiru.

Manneen barnootaa deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifamee fi barattoonni ministeericha galateeffataniiru.

Miniyaahiil Mallasaatu Gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.