Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Raayyaa Ittisaa fi Ministeerri Ittisaa Ugaandaa waliigaltee mallatteesan

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)-Ministeerri Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa fi Ministeerri Ittisaa Ugaandaa waliigaltee mallatteesan.

Ministirri Ministeera Ittisaa Ugaandaa Viiseenti Baamulangaakii Seempiij fi Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Biyyattii Jeneraal Wiilsan Imbaasuu Imbaadii daawwannaa hojiif Finfinnee jiru.

Aanga’oonni biyyattii wayita Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ga’anitti Ministira Ministeeraa Raayyaa Ittisa Dooktar Abrahaam Balaay, Itaamaajoor Shuumii Ittaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi qondaaltota Jeneraalaa biroon simatamaniiru.

Ministiroonnni Raayyaa Ittisa Biyyoota lameenii sanada waliigaltee gamlamee kan mallatteessan yoo ta’u, Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa biyyoota lameenisi karoora sanada waliigaltichaa raawwachisuu mallatteesaniiru

Sirna waliigaltichaarratti Ministirri Ministeeraa Raayya Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay waliigaltichi hariiroo biyyoota lameenii caalmaan kan cimsu ta’uu ibsanii, odeeffannoo waljijjiiruu, ijaarsa dandeettii loltummaa, dhimmoota naannawaa fi kanneen biroorratti waloon hojjechuuf mallatteesuu ibsan.

Ministirri Ministeera Ittisaa Ugaandaa Viiseenti Baamulangaakii Seempiij gama isaaniin simannaa taasifameefiif galateeffatanii hojiirra oolmaa waliigaltichaaf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.

Itaamaajoor Shuumiin waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan gama isaaniin waliigalticha hojiitti jijjiiruuf xiyyeeffannaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.