Fana: At a Speed of Life!

Ministireechi yaa’ii bulchiisa marsariitii idil addunyaa ilaalchise hoggansa Koomishinii Diinagdee Afriikaa waliin mari’ate

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Yaa’ii Bulchiisa Marsariitii Idila Ddunyaa 17ffaa ilaalchise Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan, Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomaniitti hoggantoota Koomishinii Diinagdee Afriikaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Koomishinichii fi Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknoolojiin hojiileen waloon hojjetan sadarkaa irraa ga’ee fi milkaa’inaalee jiran irratti hoggantoota olaanoo koomishinichaaf ibsa kenniiru.

Dhimmoota ariifachiisoo xiyyeeffannaa hoggantootaa barbaachisu irratti kan mari’atan yoo ta’u, manni hojichaa qophii yaa’ichaa ilaalchisuun hojiilee hojjeterrattis ibsi kennameera.

Ityoophiyaan milkaa’ina yaa’ichaaf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoo qabdi kan jedhan Dooktar Ballaxaan, milkaa’inaa yaa’ichaaf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsuu isanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.