Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Alaa Ingiliiz Ityoophiyaatti daawwannaa gaggeessaa jiru

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ingiliiz Doomiiniik Raab Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasiisaa jiru.
Ministirichi har’aa Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee waliin ta’uun proojektii damee barnoota deeggarsa Ingiliziin ijaarraman keessa Mana Barumsa Misiraaq Corraa sadarkaa jalqabaa daawwataniiru.
Waliitti dhufeenya Ityoophiyaa fi Ingiliiziin hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Doomiiniik Raab yeroo itti aanu itti aana Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin waliin ni mari’atu jedhamee eeggama.
Doomiiniik Raab daawwannaa Keeniyaa fi Sudaanitti taasiisaa turan xumuruun gara Ityoophiyaatti kan dhufan.
Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.