Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Amajjii 2, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa daawwannaa Afrikaatti taasisan Ityoophiyaarraa eegaluun guyyaa har’aa Finfinnee galaniiru.

Dhiyeenya Ministira Ministeera Chaayinaa ta’uun kan muudaman Chiin Gaang daawwannaa hojii isaanii jalqabaa taasisuuf guyyaa har’aa Ityoophiyaa galaniiru.

Chiin Gaang wayita buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ittaanaa Muummee Ministiraafi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniniifi hoggantoota olaanoo biroon simatamaniiru.

Chiin Gaang biyyoota Afrikaa shanitti daawwannaa hojii kan taasisan yoo ta’u, daawwannaa isaanii jalqabaa Ityoophiyaatti kan taasisan ta’uu ibsameera.

Turtii Ityoophiyaatti taasisaniin marii hariiroo biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf gargaaru Obbo Dammaqaa Makonniniifi hoggantoota olaanoo biro waliin ni mari’atuun kan eegamu ta’uu ibsameera.

Tigist Asmaamaawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.