Fana: At a Speed of Life!

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummta  duraanii Obbo Addaamuu Ayyaanaa boqatan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2014 (FBC)- Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa duraanii Obbo Addaamuu Ayyaanaa Gosaa dhukkuba irra buleen addunyaa kanarraa du’aan boqataniiru.

Obbo Addaamuun bara 1996 irraa kaasee hoogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa akkasumas Biiroo Ijaarsaa fi Dandeetti Oromiyaa fi Ministir Deettaa Ministeera Siiviil Sarvisii Federaalaa ta’uun tajaajilaniiru.

Obbo Addaamuun godina Iluu Abbaabooraatti naannoo filannoo Daarimuu bakka bu’uun Mana Mare Bakka Bu’oota Uummataaf darbuun miseensa ta’uun uummata isaanii amanamummaan tajaajilaa turaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hoogganaa waajjiraa kantiibaa, gorsaa akkasumas waajjira Paablik sarvisiitti hooggansaan tajaajilaniiru.

Obbo Addaamuun abbaa ijoollee dubaraa 2 fi dhiira 2 turan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.