Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Humna Galaanaa yeroo kamuu caalaa ergamaaf qophii ta’uun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)- Miseensonni Raayyaa Humna Galaanaa yeroo kamuu caalaa ergamaaf qophii ta’uu Humni galaanaa Itiyoophiyaa beeksise.

Bakka Bu’aan Ajaja Olaanaan Humna Galaanaa Riir Adimiiraal Naasir Abbaa Diggaa, raayyaan Humna Galaanaa bakkaa fi yeroo kamittuu ergama isaa bahachaa jiraachuu yaadachiisan.

Farreen nageenyaarratti tarkaanfii fudhachuun kabaja biyyaa bu’uuressuu irratti gahee olaanaa raawwachaa jirus jedhan.

Miseensonni Humna Galaanaa yeroo kamuu caalaa ergamaaf kamuuf qophii ta’uu himaniiru.

Raayyaan ittisaa nageenya ummataaf lubbuu qaalii kennuun ummata waliin kan jiraatuudha jedhaniiru.

Teeknoolojiiwwan loltummaa ammayyaa’oo madaqsuun Humna Galaanaa cimaa ijaaruu fi yeroo faana tarkaanfchuun hojii itti fufiinsaan hojjetamuu qabu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.