Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Poolisii Godina Jimmaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga Arjooman

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Miseensonni Poolisii Godina Jimmaa 84 ta’an guyyaa har’aa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga Arjoomaniiru.

Miseensonni kunneen miindaa isaaniirraa Birrii kuma 29 fi 400 deeggarsa taasiisaniiru jedhame.

Miseensonni Poolisii Aanaalee Godina Jimmaa 20 fi bulchiinsa magaalaa 2 keessatti argamanis ergama kana fudhachuun hojiirra kan oolchan ta’uu itti gaafatamaan Qajeelcha poolisii godina Jimmaa komaandar Dibaabaa Raggaasaan Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Miseensonni Poolisii Godinichaa nageenya keenya naannoorraa kaasee hanga biyyaatti eegsiisuuf qophii ta’uu komaanda Dibaaban dubbataniiru.

Abdurrahmaan Mahammeditu gabaase.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.