Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Birrii miiliyoona 51 deeggarsa taasisan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Birrii miiliyoona 51 deeggarsa taasisan.
 
Deeggarsichi mindaa miseensota kanneenirratti kan argameedha jedhame.
 
Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa ummattummaa isaanii agarsiisuuf deeggarsa kana taasisuu isaanii Itaamaajooriin Raayyaa Ittis biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad dubbataniiru.
 
Deeggarsi eegalame itti fufa jedhan.
 
Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa eeguuf carraaqqiin taasisan kan dinqisiifamu ta’uu itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin ibsaniiru.
 
Yeroo biyyattiin dhiphinna cimaa keessa jirtu kanatti aantummaa ummataa haala kanaan agarsisuun kan jajjabeeffamuudha jedhan.
 
Seekreetaariyaatii Qindeessittuun Koree ministeeroota fi Ministirri Nageenyaa FDRI aadde Mufaarihaat Kaamil gama isaaniin deeggarsa taasifame dinqisiifachuun yeroo sagantaa deeggarsaa marsaa 2ffaa eegaluuf adeemamutti deeggarsi godhame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Haylaiyyasuu Siyyuumtu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.