Fana: At a Speed of Life!

Miseensota Shanee godina Horro Guduruu Wallaggaa keessa socho’an irratti tarkaanfii qindaa’an fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Poolisiin Federaalaa, Humni addaa Oromiyaa fi milishaan waliin ta’uun Miseensota Shanee godina Horro Guduruu Wallaggaa keessa socho’an irratti tarkaanfii qindaa’aa fudhachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.

Godinichatti duula haleellaa gaggeeffameen miseensonni Shanee baay’een barbadaa’uu fi hidhattoonni isaanii 10 to’annaa jala ooluu ibsameera.

Maallaqni garichi itti fayyadamaa ture hedduun qabamuus eerameera.

Gareen shororkeessaan kun godiina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman gandoota Facaasaa, Ayyalaa, Chinboo fi kanneen biroo keessatti qabeenya uummataa barbadeessuunii fi lammiilee nagaa ajjeessu ibsameera.

Garichi daandiiwwan cufuun lammiilee dararaa turuus eerameera.

Eeruu hawaasni qaamolee nageenyaan gaheen garichi gocha gara jabeenyaa erga raawwateen booda bakka dhokatetti qaamolee nageenyaan tarkaanfii qindaa’aan irratti raawwatamuu ibsameera.

Aanaa Coomman magaalaa Gabateetti namoonni Shanee deeggaraa turan 10 to’atamuun seeratti dhiyaachuu ragaan Koomishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.