Fana: At a Speed of Life!

Misooma biyya tokkoof qoodni Waldaalee Siiviilii olaanaadha – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Misooma biyya tokkoof qoodni Waldaalee Siiviilii olaanaa ta’uu Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.
Preezdaant Saahilawarq cufiinsa waltajjii marii Waldaalee Siiviilii fi qooda fudhattoota garaagaraa dhimma dubartootarratti hojjetanirratti argamaniiru.
Misooma biyya tokkoof ga’een mootummaa adda duree ta’us, qoodni waldaalee Siiviilii olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Qindoominnii fi tumsi waldaalee Siiviilii karoora misoomaa biyya tokkoo milkeessuu keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Waldaaleen Siiviilis kana bu’uura taasiisuun akka gurmaa’aan yaadachiisaniiru.
Xummura waltajjii kanaarratti qaamni tattaaffii kana qindeessu hundaa’uu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.