Fana: At a Speed of Life!

Misoomni sululaa guddina qonnaaf bu’uura- Preezdaant Dastaa Leedaamoo

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC)- Misoomni sululaa guddina qonnaaf bu’uura ta’uu Preezdaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedaamoo ibsan.

Preezdaant Dastaan hojii misooma sululaa naannichaa bara 2014 aanaa Badaallee ganda Qaaliitee Siimiixaatti eegalchiisaniiru.

Naannichatti bara kana misoomni sululaa 646 lafa heektaara kuma dhibba 1 fi kuma 8 fi 296rratti kan misoomu ta’uu Preezdaant Dastaan himaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Wandaalaa Habtaamuu gamasaaniin misoomni sululaa hin jiru taanaan karoora dame qonnaa milkeessuun ulfaataa ta’uu ibsaniiru.

Hojiin misooma sululaa dhimma  boriif kaa’amu akka hin taanee fi hawaasa qindeessuun jabaannee ni hojjenna jedhan.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.