Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad daawwanna isaanii Somaaliyaa fi Jibuutii xumuruun deebi’aniiru

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad daawwannaa isaanii Somaaliyaa fi Jibuutii xumuruun har’a gara biyyaatti deebi’aniiru.
Muummee Ministiraa Abiy Ahimad sirna kakuu Preezdaantii Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaammudirratti argamuuf Kamisa darbe Somaaliyaa Moqaadishoo seenuun isaanii kan yaadatamuudha.
Guyyaa kaleessaa ammoo turtii isaanii Somaaliyaa xumuruun Jibuutii seenaniiru.
Turtii isaanii Jibuutiinis hariiroo gam-lameeniirratti mari’ataniiru.
Muummee Ministiraa Abiy Ahimad turtii isaanii Somaaliyaa fi Jibuutii xumuruunis gara biyya isaaniitti har’a deebi’uu isaanii Ragaan Waajjiraa Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.