Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad Paarkii Indaastirii Baahir Daar ebbisan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Paarkii Indaastirii Baahir Daar ebbisan.
 
Muummee ministiraa ebbicharratti ergaa dabarsaniin paarkichi hojiilee misoomaa birootin akka walhidhatu imaanaa jedhaniiru.
 
Namoota misoomaf kaafaman fayyadamoo taasisaa,magaalaa Baahir Daar kan guddisu ta’uu qabas jedhaniiru.
 
Hojjettoonnis naamusa jabaadhan hojjechuudhan yeroo gabaabaatti muuxannoo hojii qooddachuun, teeknooloojii akka ceesisan dhaamaniiru.
 
Hojiin misoomaa fi badhaadhinaa jabaatee kan itti fufu ta’as jedhaniiru.
 
Dooktar Abiy har’a ganama giiftii duree aadde Zinnaash Taayyaachaw waliin magaalaa Baahir Daar kan galan yoo ta’u, Paarkii Indaastirii Baahir Daar ifatti ebbisiisuun hojii jalqabsiisaniiru.
 
Dooktar Abiy buufata xiyyaaraa yoo ga’an preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah dabalatee qondaaltota mootummaa birootin simannaan taasifameefira.
 
Paarkiin Indaastirii Baahir Daar har’a ifatti ebbifame; ijaarsa marsaa jalqabaatin lafa heektaara 75 irratti kan hojjetame yoo ta’u, marsaa lammaffaatin ammoo heektaara 125 irra kan hojjetamu ta’a.
 
Paarkichi hojjettoota kuma 4 ol simachuuf qophii taasisaa jira.
 
Humna guutudhaan oomishuu gaafa jalqabu dabaree lamaan namoota kuma 10 ta’aniif carraa hojii ni uuman eegama.
 
Ijaarsi marsaa lammaffaa yoo xumuramu dachaadhan akka dabalutu eegama.
 
Paarkichatti hanga ammaatti dhaabbanni Hoopluun jedhamu sheedota 8 oomisha huccuuf fudhateera.
 
Sheedii tokkorratti maashina kan dhaabe yoo ta’u, hojjettoota adda baafachuun leenjisaa jira.
 
Torbee kana oomisha kan eegalu yoo ta’u, Bitootessa dhuftuu eegalee gara Ameerikaa fi Awrooppaatti ni ergaan eegama.
 
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.