Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad miidhaa awwaannisni geessisee fi tarkaanfii ittisaa fudhatamaa jiru daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2013 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Har’a miidhaa awwaannisni geessisee fi tarkaanfii ittisaa fudhatamaa jiru Godina Walloo Kibbaa, Aanaa Warra Baabbootti argame ilaaleera jedhan.

Ji’oottan darbanitti rakkoowwan ulfaataa COVID-19 irratti dabalataan numudatan keessaa tokko, garee awwaannisa gammoojjii Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa Bahaa kan biroo baay’ee miidhedha.

Dhiibbaa balichi geessisuu danda’u ittisuuf mootummaan tarkaanfiiwwan gama hedduu fudhataa tureera.

Wayita weerara awwaannisaa marsaa lammaffaan numudatee jiru kanattis haalicha too’achuun akka danda’amu hojiileen hojjetamaa jiru.

Har’a miidhaa awwaannisni geessisee fi tarkaanfii ittisaa fudhatamaa jiru Godina Walloo Kibbaa, Aanaa Warra Baabbootti argame ilaaleera.

Rakkoo wayita ammaa qonnaan bultoonni qaban dhaggeeffadheera.

Mootummaanis deeggersa gochuusaa akka itti fufu waadaa seenuufi ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.