Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad Preezdaanti Afrikaa Kibbaa Raamaafoosaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 3, 2012 (FBC) – Muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad Preezdaanti Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa waliin mari’atan.

 
Gaggeessitoonni lameen marii Piriitooriyaa taasisaniin hariiroo biyyoota lameenii dhimmoota cimsuu danda’an irratti mari’ataniiru.
 
Gaggeessitoonni lameen mariidhaan booddee sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
 
Keessumattu waliigaltee dhimma fayyaa fi turizimiirratti waliin hojjechuu kan dandeeesisu mallatteessaniiru.
 
Itti aansuun muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad preezdaant Siiril Raamaafoosaa waliin ibsa laataniiru.
 
Dooktar Abiy lammiileen Ityoophiyaa Afrikaa Kibbaa akka biyya isaanitti jiraachaa kan jiraan ta’uu kaasuun, daawwannaa isaanii kanaan lammiilee Ityoophiyaa biyyicha jiraatanirratti mari’achuu himaniiru.
 
Hariiroon Ityoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa caalumatti akka cimuuf carraan umamuus dubbataniiru.
 
Preezdaanti Raamaafosaa gama isaanittin mariin isaan taasisaan hariiroo Ityoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa caalumatti kan cimsu ta’uu kaasaniiru jechuun Alaazar Taaddaleetu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.