Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy, preezdaantii Mana Maree Gamtaa Awrooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad preezdaantii Mana Maree Gamtaa Awrooppaa Chaarlis Miisheel waliin dhimma vaayrasii koroonaarratti mari’atan.
 
Miidhaa weerarri vaayrasichaa Afrikaatti qaqqabsiisuu malu ittisuuf Gamtaa Awrooppaa waliin haala hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.
 
Dooktar Abiy Manni Maree Gamtaa Awrooppaa fi Koomiishiniin Gamtaa Awrooppaa Afrikaaf deeggarsa laachuuf qophii ta’uu isaanitiif galateeffataniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.