Fana: At a Speed of Life!

MM Dr.Abiy waggaa 26ffaa duguuggaan sanyii Ruwaandaatti itti raawwatame sababeeffachuun ergaa dabarsan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waggaa 26ffaa duguuggaan sanyii Ruwaandaatti itti raawwatame sababeeffachuun ergaa dabarsan.

Dooktar Abiy ergaa isaanitiin ummata Ruwaandaa fi preezdaantii biyyattii waliin kan dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.

Akka ummataatti tokkummaa, ciminaa fi amantiidhan waliin dhaabbachuudhan yeroo dukkanaa moo’attaniittu; kunis qorumsa keenya har’aatif barumsaa fi galaadha jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.